Seenaa Waajjira Abbaa Alangaa akka Waliigalaatti fuulduree Marsariitii kanaa irratti barraa’e Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Daalle Waabaraas ni qooddata. Aanaan Daalle Waabaraa Aanaa Aanaalee biroo dhaaf bu’uura ta’eedha. Aanaa hangafaa Aanaaleen olla irraa cituun hunda’aaniidha. Aanaan Daalle Waabaraa Naannoo Oromiyaa, Godina Qellem Wallaggaa keessatti kan argamtu taatee Magaalaa guddoo Naannoo Oromiyaa Finfinnee irraa gara dhihaatti km 585 fi Magaalaa guddoo Godina Qellem Wallaggaa Dambii Dolloo irraa km 72 fagaattee , Karaa bahaa aanaa Dallee Sadii, Karaa dhihaa aanaa Yamaalogii Walal, Karaa Kaabaa aanaa Ayiraa, Baabboo fi Jaarsoo/Wallagga lixaa fi aanaa Gaawoo Qeebbee fi Karaa kibbaa aanaa Sadii Canqaa gidduutti daangeffamteekan argamtuu taate Gandoolee Baadiyyaa 22 fi Gandoota Magaalaa mana Qopheessaa 2/lama/n caaseeffamtee magaalaan guddoon ishees Magaalaa Qaaqee taate kan beekamtu dha. Waajjirri Abbaa Alangaas Kibba magaalaa Qaaqee seensa magaalichaa irratti argama.
Haala Teesuma Lafaa ilaalchiseeBal’inni lafa Aanaa Daalle Waabaraa waliigalan hektaara 53100.3196 yammuu ta’u halli qilleensa baramaa ishees baddaan 0%, badda dareen %98 fi Gammoojjiin % 2 uwwifame kan argamuudha. Baay’ina Uummata ilaalchisee Aanaan Daalle Waabaraa Tilmaman Uummata Baadiyyaa dhi 66,163 dub 64,210 ida. 130,370 Magaalaa dhi. 8,936 dub. 8,883ida. 17,819 waliigala Baadiyyaa fi magaalaa dhi.75,099 dub. 73,093ida. 148,192 wal dandaa’ee kan keessa jiraatuu dha.
Bakkeewwan Hawwata Tuuriziimii Aanaa Daallee Waabaraa Aanaan Daalle waabaraa bakkewwan hawwata Turizimii kanneenakka:
- Holqaa Likaasaa Wagee,Bosoona Akaakkil keessatti kan argamu ,
- Holqaa Walbaataa gandaa Adanoo Walbaataa keessatti kan argamu ,
- Holqaa Gaamboo Gandaa Mekkii Dimbaar keessatti kan argamu ,
- Bosoona uumamaa gandaa Adaanoo Walbaataa keessatti kan argamu,
- Dhagaa uumaa diniqaa waliin jiraatu fi Dhagaa Soodduu ijaajjituu, bosoona Akaakil keessatti kan argamuu fi Hanbaa seenaa bakka Tumaa yaa’ii shanaan Daalle Gandaa Allee Gumaa keessatti kan argamu kan qabduu fi gaarreen gurguddoo kan akka Gumaa Guddaa,Tullu Mootii fi Qaaqee Jomee fi kkf kan keessatti argamuu dha. Haluma wal-fakkaatun Laggeen gurguddoo kan akka Waleensuu, Laga Kormaa, Alaltuu, Buruurii, Kombolcha, Fogee,Dhibba guddaa,dhibba xiqqaa, Adaamii, Siichirii fa’aa kan keessatti argamudha.
Waliin hojjennee haqa ummaata keenya haa baasnuun dhaamsa mana hojii keenyaati.
Horaa Bulaa!!!