Seena Hundeeffama Waajjira Abbaa Alangaa Godina Qellem Wallaggaa
Biyya keenya keessatti manni hojii abbaa alangaa kan hundaa’e bara mootii Minilik akka ta’e ragaaleen ni agarsiisu. Manni hojii kun dursa “Yedagnenat Minister“, booda immoo “Yefird Minister“ jedhamee waamamaa ture.Hojiin isaas murteewwan kennaman galmeessuu fi akka galmaa’an gochuu ture.Suuta suuta gara hojii abbaa seerummaatti akka galu taasifamee hojii abbaa seerummaa dabalatee akka waliigalaatti sirna haqaa akka hogganu taasifamee ture.Haata’u malee mootummaa bakka bu’ee hojii abbaa alangummaa qaamni hojjatu waan barbaachiseef bara 1934 Manni hojii abbaa alangaa labsii lakk. 29/1934 tiin hundaa’e.Itti gaafatamummaan mana hojii kanaas Ministeera Murtiif /yefird ministeriif ta’e. Manni hojii kun abbaa alangaa muummeen kan hogganamu ture.Haata’u malee abbaan alangaa waliigalaa yoo hundaa’e caalmatti seerota hojirra oolchuu ni danda’a jedhamee bara 1943 abbaa alangaa waliigalaa labsii lakk.118/1943 tiin hundaa’e.
Akka naannoo keenyatti Kufaatii mootummaa Dargii booda biyyi keenya sirna federaalizimii akka hordoftu ta’e.Bu’uuruma kanaan akka naannoo keenyaattis yeroo mootummaa ce’umsaa keessa seerotni mana hojii abbaa alangaa hundeessan bahaniiru.Bu’uuruma kanaan akka naannoo keenyaatti yeroo jalqabaatiif Biiroon dhimma seeraa Oromiyaa bara 1985 Labsii Qaamota Raawwachiiftuu Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa Kan Yeroo Ce’umsaa Hundeessuuf Bahe lak.5/1985 tiin hundaa’ee ture. Biiroon kunis hojiiwwan dhimmoota seeraa fi nageenyaan walqabatan kan raawwatu ture. Bara 1986 immoo Manni hojii abbaa alangaa Oromiyaa “Biiroo dhimma seeraa oromiyaa” irraa kophatti bahee labsii lak.6/1986 tiin hundaa’ee ture. Labsiin kunis aangoo Biiroo Dhimma Seeraa oromiyaaf kenname gartokkee qoodee “Mana hojii Abbaa Alangaa Oromiyaatiif” kennee ture.Manni hojii abbaa alangaa Oromiyaa labsii kanaan yemmuu hundaa’u kaayyoowwan: mirgootaa fi bilisummaawwan lammiilee kabachiisuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuu, seerotni osoo hin jallatin akka hojiirra oolan gochuu, hubannoo seeraa hawaasaa cimsuudha jedhan galmaan gahuufidha. Gurmaa’ini mana hojichaas Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa, Mana Hojii Abbaa Alangaa Godinaa fi Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa ture.Haalli caaseffama isaas Abbaa alangaa waliigalaa, itti aantota abbaa alangaa waliigalaa nama lama fi abbootii alangaa naannoo, qajeelchotaa fi kan biroo kan qabuudha.Haata’u malee bara 1988 manni hojii abbaa alangaa kophaatti bahee ture Biiroo Dhimma seeraa jalatti akka deebi’u ta’eera.Kunis Biiroon dhimma seeraa oromiyaa Labsii qaamota raawwachiistuu mootummaa naannoo oromiyaa hundeessuuf bahe lak.7/1988 kwt.3(n) tiin akka haaraatti waan hundaa’eefidha. Bu’uura labsii kanaatiin Abbaan alangaa Oromiyaa, qajeelchi poolisii fi bulchiinsi manneen adabaa walitti dabalamanii Biiroo dhimma seeraa jedhamanii hundaa’an (kwt.5 (e)).
Bara 1994 immoo Komishiiniin poolisii fi Bulchiinsi mana sirreessaa Biiroo Dhimma Seeraa irraa addatti bahanii akka hundaa’an ta’e.Bu’uura labsii gurmaa’ina qaamota raawwachiistuu Oromiyaa lakk. 50/1994 tiin Waajjira muummicha dhimma bulchiinsaa fi haqaa jedhamu akka haaraatti hundaa’e (12(5). Labsiin kunis itti gaafatamummaan Biiroo dhimma seeraa, komishinii poolisii, bulchiinsa mana sirreessaa, waajjira dhimma naannoo ollaa, waajjira dhimma bulchiinsa ummataa fi godinoota Waajjira Muummicha Dhimma Bulchiinsaa fi Haqaa tiif akka ta’e tumeera.Labsiin Gurmaa’ina Qaamota Raawwachiistuu Naannoo Oromiyaa lak.87/1997 kwt. 13(2) Biiroo Haqaa fi Nageenyaa hundeesse.Bu’uura labsii kanaatiin Biiroon Haqaa fi Nageenyaa hojii abbaa alangummaa fi nageenya kabachiisuu akka raawwatu taasifamee ture. (kwt. 15). Labsiin gurmaa’ina Qaamolee raawwachiistuu naannoo Oromiyaa lakk.105/1998 immoo Biiroon Haqaa fi Nageenyaa iddoo lamatti akka bahu taasisuun Biiroon Haqaa Oromiyaa fi Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa kophaa kophaatti akka hundaa’an ta’eera.Bu’uura kanaan hojii abbaa alangummaa Biiroon Haqaa akka raawwatu, hojiiwwan bulchiinsaa fi nageenyaan walqabatan immoo Biiroon Bulchiinsaa fi nageenyaa akka raawwatu ta’eera. Kana malees akka naannoo Oromiyaattis hojiin abbaa alangummaa qaamolee adda addaatiin raawwatamaa tureera.Isaanis Biiroo Haqaa, Abbaa Taayitaa Galiiwwanii fi Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaati. Dhimmoota hariiroo hawaasaa immoo dubbi fixxoota manneen hojii kana keessatti qacaramaniin kan raawwatamu ture.Aangoo fi hojii abbaa alangaa qaamolee kanneeniif akka kennamu akka sababatti kan ka’u ogeessotni manneen hojii kanneen keessatti dhimmicha itti dhiheenyaani fi abbummaan ni hojjatu kan jedhuudha.Yeroo Darban kana keessatti Hojii Abbaa Alangummaa qaamolee adda addaatiin bifa faffaca’een hojjatamaa ture walitti qindeessuu, Hojii abbaa alangummaa si’ataa, qulqulluufi dhaqqabamaa ta’e kennuu,Olaantummaa seeraa mirkaneessuu,Tajaajila ogummaa abbaa alangummaa iftoominaafi itti gaafatamummaa qabu hirmaachisaa ta’e kennuu, Mana hojii Abbaa Alangaa bu’aa qabeessa, amantaa ummataa qabu, akkasumas bilisummaa ogummaafi dhaabbatummaa gonfate hundeessuu.Naannicha keessatti sirni heeraafi seeraa akka kabajamuufi ol’aantummaan seeraa akka mirkanaa’u, Akkasumas, mirgootaafi bilisummaawwan bu’uuraa lammiilee heeraafi seeraan eegaman kabajamuu isaanii mirkaneessuuf Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa hundeessuun barbaachisaa ta’ee waan argameef Labsii 214/2011tiin hunda’ee, Hanqinoota labsii kana irra jiranii fi rakkoo qindoominaa furuuf Labsii 236/2013tiin labsiin 214/2011fooyya’e jira. Yeroo ammaa labsii marti haqamuun Labsii 242/2014tiin Biiroo Abbaa Alangaa jedhamee akka waamamu ta’ee jira. Akka qaama mana hojii abbaa alangaatti manni hojii keenyas seenaa kana ni qooddata.
Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa mirgoota namoomaa fi dimokiraasii heera mootummaa fi seeroota birootiin eegumsa fi beekkamtii argatan kabajuu fi kabachiisuudhaaf bu’uura labsii lakk.214/2011 tiin biirichi aangoo fi gaheen hojii dabalataa kennameefii akka haaraatti hundaahuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan immoo Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Qellem Wallaggaa Godinicha keessatti mirgoota namoomaa fi dimokiraasii heera mootummaa fi seeroota birootiin eegumsaa fi beekamtii argatan kabajuu fi kabachiisuudhaaf bara 1998 akka Godinaatti Godina lixa Wallaggaa irraa adda bahuun kan hundeeffame yommuu ta’u, akkaatuma labsii lakk.214/2011tiin aangoo fi gahee hojii manichatti dabalaman qabatee hojii keessa seenee hojjechaa kan jirudha.