Email Address keenya

mhaagqw@gmail.com
gargaarasaf@gmail.com

LAKK.bilbila

+057555 57 44
+057555 77 11

B/A/A/G Qellem wallaga

karaa sentera irraa gara mana sirreessa geessu irraa

BAkkA ARGAMA KEENYA

Bali’inni Lafa Godina Qellem Wallaggaa Km2 10,726 kan bal’attuu fi Oromiyaa keessaa   bal’ina % 3.5 kan qabduutti yeroo tilmaamamu,Godinicha Bahaan  Godina Lixa Wallaggaa ,Lixaan  biyya Sudaan, Kaabaan Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz, Kibba Lixaan Mootummaa Naannoo Gambeelaa fi Godina Iluu Abbaa Booraan kan wal dangeessuu dha. Haalli teessuma lafa Godinichaa adda adda yeroo ta’u kinus lafa teessummi isaa garbaa olii meetira 1,260 olii irraa kaasee hanaga lafa teessummi isaa garbaa olii meetira 3,335( tulluu walal)  ta’e kan of keessatti qabu yammuu ta’uu lafa Godinichaa keessaa harki 41.4  kan ta’u garbaa ol meetira 859.67 badda daree ta’ee argama. Baay’inini Uummata  Godinichaa Akkaataa  ragaa CSA bara 2012/2020tti walii galaan 1,119,772  yeroo ta’u; kan keessaa dhiira 563,690 yeroo ta’u dhalaan 556,082 ta’a. Kana keessaa jiraataa Baadiyyaa 989,311, jiraataan Magaalaa 130,462 yeroo ta’an kana keessaa dhiirri 579,585, dhalaan 571,707 jiraattota Baadiyaa fi 135,922 immoo jiraattota magaalaa akka ta’an ni tilmaamama.  

Uummata Godinichaa keessaa harki % 85 kan ta’u hojii qonnaa irratti kan bobba’e akka ta’e ragaan ni ibsa. Haalli kun uummanni Godinichaa irra caalaan baadiyyaa kan jiraatu ta’uu isaa agarsiisa. Uummanni baadiyyaa bittinnaa’ee akka jiraatu ni beekama.Haalli qilleensa godinichaa baddaa,, badda-daree fi gammoojjii jedhamuun bakka 3 tti kan qoodamuu dha.  Haala qilleensaa kana irratti hundaa’un jireenyi uummata aannichaas akkuma kana garaagartummaa qaba.Haalli roobaa godinichaa naannoo teessuma lafaa ol ka’aa ykn baddaa qabanitti rooba mm 1800 hanga 2200 ni argatu, Naannoo  ol ka’iinsa lafa giddu galeessa ykn badda daree qabanitti rooba mm  1600 hanga 1800 ni argatu. Nannoo teessuma lafa gadi aanaa ykn gammoojiii  ta’anitti rooba mm  1200 darbee darbee kan argatan yeroo ta’u  irra caalaan hojii qonnaaf kan mijatuu dha. Haalli diinagdee hawaasa godinichaa akkuma uummattoota biyyattii  kanneen biro hojii qonnaa fi horii horsiisuu irratti kan hu daa’u dha. Ommosha godinicha keesatti oomoshamu keessaa kanneen sharafa biyyaa alaaf ooluun bu’aa argamsiisuun beekaman keessa bunni godinicha keessatti bal’inaan ni oomoishama. Kana malees gosti midhaanii godinicha keessatti oomishamu keessaa,midhaan agadaa kan akka Boqqolloo ,Bisingaa,garbuu,qamadii, fi kkf yeroo ta’u

Midhaan dheedhii keessaa kan  akk Baaqilaa,Atarii,Boloqqee,Shumburaa ,Midhaan Zayitaa kan akka Nuugii,Saliixii,Talbaa fi kkf  kan oomishaman yeroo ta’u kana malees fuduraa fi muduraan kan akka Mangoo,Burtukaanii,Paappayyaa,Muuzii,Loomii,Kookii, fi gosti mi’eessituu  garagaraa ni argamu.

Yaada Qabdan Nuuf Barreessa

Waajjirrii Abbaa Alangaa Godina Qellem Wallaggaa yeroo kamiyyuu yaada fi qeeqa uummata isaa irraa ka’u keessumsiisuuf yeroo hundaa qophiidha. kanaafu yaada ykn qeeqa tajaajila waajjira abbaa alangaa godina  qellem wallaggaa irratti qabdan saanduuqa as irraatti argamu keessatti maqaa guutuufi Email keessan barreessuun yaada ykn qeeqa qabdan nuuf kaa’u dandeessuu. waajjirri keenyas Email keessan irratti yaada ykn qeeqa keessaniif deebii kan kennu ta’a.kanaafu yaada ykn qeeqa qabdan nuuf barreessu hin dagatina.

Yaada Keessan Sanduuqa Armaan Gadii Keessatti Nuuf qooda.