Jiruu fi jireenya hawaasaa keessatti walta’iinsi dinagdeen walqabatu, mirgaa fi dirqamni ittiin walitti darbu guyyaa guyyaadhaan ni barbaachisa. Karaan walta’iinsi ittiin bu’a qabeessa ta’u keessaa tokko sanadi waliigaltee nama waliigaltee kennuu fi waliigaltee fudhatu gidduutti uumuudhaan kan geggeeffamuudha. Waliigalteen uumamus ‘sanada’ jedhamee kan waamamu ta’ee; sanadi barreeffame ammoo mirgaa fi dirqama gareewwan sanadichaan hammatan kan bituudha. Seera Hariiroo Hawaasaa Itoophiyaa bara 1960 bahee ittiin hojjetamaa jiru kew. 1675 irraa kan hubatamu waliigalteen dirqama walta’iinsa qabeenyaan walqabatu nama lama ykn lamaa oli gidduutti ittiin uumamu, jijjiiranii fi dhabamsiisan ta’uu; akkasumas kew. 1678(2) qabiyyeen waliigaltee hiika qabaachuu (defined), waan raawwatamuu danda’u (Possible) fi seera qabeessa ta’e (lawful) ta’uu akka qabu dirqisiisa. Waliigalteen ‘Sanada’ jedhaman kunniin, keessumaa waliigalteen sanadaa seerri akka mirkannaa’uuf dirqisiisu, bu’uura seerri tumuun yoo hin mirkanoofne fudhatama akka hinqabaanne waan tumuuf hikkoo akka waliigalaatti sanadootaaf kenname, sanadoonni maal fa’a akka ta’an, sanadota seerri akka mirkanaa’uuf dirqisiisuu fi sanadoota fedhii gareewwan waliigalaniin mirkanaa’uu danda’anii adda baasuu, akkasumas kaayyoo fi barbaachisummaa sanadoota mirkanneessuu agarsiisuudhaan hojii kana milkeessuuf yaadameeti.
Gama biraan hojiin sanada mirkanneessuu hojii wabii garee waliigalaniitiif kennuu fi eegumsa garee sadaffaatiif taasisuuf seeraan yaadamee tumame waan ta’eef mirgi garee sadaffaa, hirmaannaa waliigaltee taasifamuu keessa hinjirre, akka hintuqamneef hojiin kun gahumsaan, ofi eeggannoo fi ogummaa guutuu ta’een hojjetamuu kan qabudha. Gama biraatiin hojiin sanada mirkanneessuu hojii akka idil-addunyaatti beekamtii qabuu fi akka biyya Itoophiyaattis xiyyeeffannaadhaan hojjetamuu qabu waan ta’eef seerummaa qabaachuun isaas seerota rogummaa qaban adda addaa waliin ilaaluudhaan gama sochii hawaas-dinagdee keessatti mirgaa fi dirqama lammiilee tiksuun bifa guddina qabatamaa ta’e mul’isuu fi fudhatamummaa qabuun hojjechuuf; bakka hanqinni mudatetti ammoo qaamolee sanada mirkanneessanii fi Mana Murtii idileedhaan tarkaanfii sirreeffamaa adda addaa fudhachuun akka hojjetamuuf seerichaan akeekamee jira.
Adeemsi kun waajjira keenyatti akkatuma aguuggii seeraa kennameefii jiruun Adeemsa tokko ta’ee hojjetamaa kan jirudha. Akkaataa labsii lakk.214/2011tiin kewt.7(46-48)
- Waldaalee fi dhaabbilee miti mootummaa bu’aaf hin hundeeffamne ni galmeessa; hayyama qaama seerummaa ni kenna; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hordofa; ni to’ata; gabaasa raawwii hojii dhiyaatu irratti hundaa’uun hayyama ni haaromsa; ni dhorka; ni haqa;
- Waldaaleefi dhaabbilee miti mootummaa Mootummaa Federaalaa irraa hayyama fudhatanii naannicha keessatti hojjatan ni to’ata; qaama dhimmi ilaaluuf ni gabaasa;
- Hojiiwwan mirkaneessaa fi galmeessa ragaalee qaamolee birootiif seeraan hin kennamne ni raawwata; ragaa ni kenna;
Bu’uuruma kanaan waajjirri keenya sanadoota mirkaneessuun ragaa isaa kan kaa’u ta’uu isaati.
Istaandardii fi ulaagaalee bakka bu’insaaf barbaachisan gabatee armaan gadii irraa ilaaluun ni danda’ama.
Lak | Gosa Tajaajila | Yeroo | Haala itti kennamu | Tajaajila argachuu ulaagaalee barbaachisu |
6.1 | Gurgurtaa ykn kennaa dhaabbata daldalaa galmeessuu | Daqiiqaa 40 | Sirrummaa ragaa dhiyaatee qulqulleessuu | Waligaltee garee lamaanin qopha’e hayyama daldalaa haromsameDhoorkaa fi idaa adda addaa irraa bilisa ta’uu isaa Tilmaama dhaabbatichaaRagaa fuudhaa fi heerumaa qaama ragaa kana kennuuf aangoon kennameef irraa dhiyeessuu waraqaa eenyummaa (paaspoortii ykn hayyama konkolaachisa)Manni hojiin daldalaa keessatti gaggeeffamu mana dhuunfaa yoo ta’e ulaagaa gurgurtaa ykn kennaa manaatiif barbaachisu guutuu isaa ragaa ibsu dhiyeessuu.Dhaabbatni daldalaa gurguramu ykn kennamu mana mootummaa keessatti kan argamu yoo ta’e manicha sana osoo ibsuu hin barbaachisin tarree qabeenya gurguramuu sana qofa ibsuun kan keessumma’u ta’a. |
6.2 | Galmeessaa Aangoo bakka bu’ummaa addaa fi guutuu qabeenya bulchuu, bakka bu’ummaa Abukaatoo fi firoomaa | Daqiiqaa 9 | Sirrummaa Ragaa dhiyaatee qulqullessuu | Barreeffama bakka bu’ummaa akkaataa seeraatiin qophaa’e.Waraqaa eenyummaa, (paaspoortii ykn hayyama konkolachisaa) bakka buusaa;Abukaatichi hayyama abukaatummaa haaromsame kan bara sanaa kan qabu ta’uu. (Bakka bu’ummaa abukaatoo yoo ta’e);Aangoo bakka bu’ummaa irratti kan ibsame qabeenyi ykn mirgi addaa yoo jiraate ragaa abbaa qabeenyummaa mirkaneessuu dhiyaateRagaa bakka bu’aa fi bakka buusaan fira (maatii ta’uu isaanii agarsiisuu dhiyaate (bakka bu’ummaa firoomaa yoo ta’e) |
6.3 | Bakka bu’ummaa Haquu | Daqiiqaa 9 | Sirrummaa Ragaa dhiyaatee qulqullessuu | Iyyata bakka bu’ummaan akka haqamuuf dhiyaate; Ragaan haqamu bakka duraan itti galmaa’etti ta’uu qaba. |
6.4 | Chaappaa fi Mallattoo mirkaneessuu | Daqiiqaa 10 | Sirrummaa Ragaa dhiyaatee qulqullessuu | Ragaa Chaappaa fi mallattoon isaa akka mirkaanaa’u barbaadame Orjinaalii fi kooppiiisaa. |
6.5 | Waligaltee kiraa Galmeessuu | |||
6.5.1 | Mana jireenyaa/ daldalaa ykn konkolaataa ykn dhaabbata daldalaa | Daqiiqa 20 | Sirrummaa Ragaa dhiyaatee qulqullessuu | Waliigaltee garee lamaanin qophaa’eeMana kireessuun kun bakka bu’ummaadhan yoo ta’ee bakka bu’an seeraan kan argatee ta’uu ragaa agarsisuu.Waraqaa eenyummaa, (paaspoortii ykn hayyama konklaachisaa) qaama waliigaltee raawwatan fi ragaa baatoota;ragaa abbaa qabeenyummaa; ragaa hayyama daldalaa haaroomfame (Dhaabbata daldalaa yoo ta’e) |
6.6 | Waldaalee daldalaa galmeessuu | Sa’aatii 2 | Sirrummaa Ragaa dhiyaatee qulqullessuu | Moggaasa maqaa waldaa daldalaa kan mana hojii Daldalaa fi misoomaa gabaa irraa kenname.Barreeffama dhaabbii fi dambii ittiin bulmaataa waraqaa eenyummaa (Paaspoortii ykn hayyama konkolaachisaa) miseensota waldichaabarreeffama dhaabbii ykn dambii ittiin bulmaataa irratti kan ibsame buusii akaakuu yoo jiraate ragaa abbaa qabeenyuummaa mirkaneessuu dhiyeessuu; barreeffama dhaabbii ykn dambii ittiin bulmaataa irratti namni gaa’ilaaf hin geenye miseensa ta’ee yoo jiraate waraqaan ragaa dhalootaa ykn ragaan mana murtii;Waldaa Aksiyoona yoo ta’ee kaappitaala mallatteeffame keessaa yoo xiqqaate tokko afraffaan (1/4) kan kaffalamee fi maqaaf Lakkoosa Herrega waldichaatiin baankiitti galii taasifamuu ragaa ibsu. |
6.7 | Dhaamoo galmeessuu | Daq 20 | Garee dhimmaa ramaduun | Barruu ykn sanada dhaamoo akkaataa seeraatiin qophaa’e waraqaa eenyummaa nama dhaamoo raawwatee fi ragaa baatotaa. |
6.8 | Waliigalteewwan adda adaa biroo galmeessuu | Daq 50 | Garee dhimmaa ramaduun | Galmeessaa Waliigalteewwan biroo (Dabarsa mirga Liizii osoo hin dabalannee)Waliigaltee akkaataa seeraatiin qophaa’ee dhiyaate Waliigaltichi qabeenya ykn mirga addaa kan ilaallatu yoo ta’e ragaa abbaa qabeenyummaa/ mirgaa/ta’uu mirkaneessu dhiyaate.Akaakuu qabeenya waliigalteen irratti raawwatame hubannoo keessa galchuun akkuma barbaachisummaa isaatti waraqaa qulqullummaa ragaalee biroo dhiyeessuu.Waraqaa eenymmaa qaama waliigaltee raawwatee fi ragaa baatootaa |
7. Hayyama kennuu fi Haaromsuu | ||||
7.1 | Hayyama Abukaatoo kennuu fi haaromsuu; | Sa’aa 2 Daq. 15 (haaromsaaf) | Sirrummaa Ragaa dhiyaate qulqulleessuu | Hayyama kennuuf)Ragaa barnoota seeraa fi muuxannoo hojii Afaan hojii naannichaa (Afaan Oromoo) sirriitti dhaggeeffachuu, dubbachuu, dubbisuu, fi barreessuu kan danda’u.Naamusa ilaalchisee Ragaa Qulqullummaa iyyatichaa dhiyaate;Qormaata baruu akka barbaachisummaa isaatti Biiroodhaan kennamu darbuu;(Haaromsuuf)Nagahee Galii Gibiraa;Ragaa tajaajila bilisaa ittiin kenname (Sa’aa 50) |
7.2 | Hayyama waldaa Bu’aa malee kennuu | Sa’aa 3 | Garee dhimmaa ramadun | Xalayaa deeggarsaa qaama dhimmi ilaallatu irraa Dambii ittiin- bulmaataa Qaboo yaa’ii gaggeessitootni ittiin filataman kooppii sadiin propoozaala Hojichaa/project proposal Of Business plan/Waraqaa eenyummaa, paaspoortii ykn hayyama konkolaachisaa miseensota hundaa. |
7.3 | Hayyama Waldaa bu’aa malee haaromsuu | Daqi 50 | Sirrummaa Ragaa dhiyaatee qulqulleessuu | Gabaasa raawwii hojii bara sanaa Xalayaa deeggarsaa seektara mootummaa hojiin sun hojjatamuu isaa mirkaneessuu danda’u irraa.bu’aa oodiitii qarshii 40,000 gadi yoo ta’e oodiitara keessatiin, qarshii 40,000 ol yoo ta’e ooditara M.W.D n ramadeen kan hojjetame.karoora hojii bara itti aanuu. |