Adeemsa Hariiroo Hawaasaa

Adeemsa Hriiroo Hawaasaa kanaan dura waajjiraalee mootummaa keessatti bifa bittinaa’aa ta’een karaa dubi fixaa waajjiraalee hojjetamaa kan ture yeroo ta’u bifa qindaa’een waan hojjetamaa hin tureef bu’aa barbaachisu argamsiisuu hin dandeenye .Haata’u malee mootummaan hanqinaalee jiran kana maqsuuf karaa Biiroo A/A/Waliigalaa oromiyaa labisii  itti baasuun karaa qindaa’aa ta’een akka hojjetamuu murteesuun gadi buusee waajjirri keenyas kana bu’uura gochuun hojii hariiroo hawaasaa hojjechuuf yeroo ammaa hojiitti seenamee jirra .Hojiiwwan hojjechuuf itti seename kana keessaa  qisaasamni maallaqaa mootummaa waajjiraalee mootummaa hedduu keessatti kan raawwachaa ture akkasumas pirojektiiwwan ilaallatee waliigaltee bu’uura seeraa hin qabne hundeessuun qabeenya mootummaa seeraan ala itti fayyadamaa turamee yeroo ammaa waajjiraalee mootummaa tokko tokko keessa harkifannaan jiraatu illee hojiin kun yeroo ammaa akka armaan gadiitti itti karoorfannee hojiitti seenneerra .     

Hojiiwwan adeemsa hariiroo hawaasaa jalatti gareewwan sadan jiran jalatti hojjetaman akka armaan gadiitti tarreessinee .

  1. Garee tajaajila gorsaa,Qophii waliigaltee fi waltaasisuu –garee kana jalatti hojiiwwan hojjetaman
  2. Kenna tajaajila gorsa seeraa  -tajaajila kana Manneen hojii mootummaa ,dhabbilee misooma mootummaa ,Jarmiyaalee Uummataa  ,Namoota gocha yakkaatiin miidhaan irra gahee harka qalleeyyii kan ta’an ofiif falmatanii beenyaa fudhachuu kan hin dandeenye  ,Daa’imman ,Dubartoota ,qaama hir’eeyyii harka qalleeyyii ta’aniif deggers kennuu.
  3. Wixinee waliigaltee waajjiraaleen mootummaa dhiyeefatan seera qabeessumma isaa ilaaluun gulaaluu , wixinee waliigaltee waajjiraalee qopheessuu hin dandeenyeef bu’uura seeraatiin  qopheessuu .
  4. Garee falmii ,raawwachiisaa murtii fi deggersa seeraa bilisaa  -Dhimmoota hariiroo hawaasaa irratti qisaasama maallaqaa irratti eeruun yoo dhiyaate hordofuudhaan mallaqaa fi qabeenya mootummaa qisaasame humachuun raagaa qindeessuun falmii cimaa ta’e geggessuu ,deebii kennuu ,seeratti dhiyeessuun  murteessisuu , akkasumas waajjiraaleen mootummaa yoo himatame qaamni himate waajjira mootummaa yoo ta’e qisaasamni maallaqa mootummaa utuu hin ba’in mala filannoo biraatiin jechuun jarsummaan ,waliigalchisiisuun ,KKF akka xumuratan gochuu ,falmichi nama dhuunfaa waliin yoo ta’e deebii qopheessuun ,falmuun qisaasama mallaqa mootummaa hambisuu ,Kanneen himannee murteesifanne irrati  himata raawwii banuun raawwachiisuu ,deggersa seeraa bilisaa qaamota seeraan eyyamameefiif laachuu .
  5. Gareen barreessaa dhaddachaa galmeewwan hordofuu fi ragaawwan qindeessuun qaama barbaaduuf yerootti gabaasuu .