Adeemsichi gareelee adda addaa sadii kan qabu ta’ee, akka kanaa gadiitti gahee hojii isaanii waliin ibsamaniiru
- Garee Simannaa Odeeffannoo Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa
- Gareen kun Abbaa Alangaa, Ogeessa Simannaa Eeruu fi Qondaala simannaa Eeruunkan gurmaa’e ta’ee, hojiilee akka:
- Eeruu/odeeffannoo/ gocha yakka malaammaltummaa fuudhuu, funaanuu, calaluu, murtii kennuu fi qorannaaf dhiyeessuu
- Odeeffannoo/Eeruuwwan/yakka Malaammaltummaa hooggantootaa fi itti aantoota hooggantootaa Manneen Hojii mootummaa Aanaa fi Magaalaa, Maahandisoota Manneen hojii mootummaa Aanaa/ Bulchiinsa Magaalaa; hojjatoota Manneen Hojii mootummaa godinaa; hojjatoota dhaabbilee misooma mootummaa sadarkaa Damee ykn godinatti jiran; Gaggeessitoota fi Miseensoota Boordii jaarmiyaalee uummataa godinicha keessa jiraniin raawwataman irrattii dhufan simachuun ijoo addaan ni baasa, ni xiinxala, garee qorannaatiif ni dabarsa;
- Odeeffannoo/Eeruuwwan/ yakka malaammaltummaa Miseensoota Qajeelcha Poolisii Godinaa; Miseensota Poolisii manneen sireessaa sadarkaa Godinaa ykn Aanaa; Pireezidaantii fi Abbootii seeraa Mana Murtii Aanaa; Itti gaafatamaa fi Abbootii Alangaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa; Ajajaa fi Miseensota Poolisii Aanaa/magaalaa tiin raawwataman irrattii dhufan simachuun ijoo addaan ni baasa, ni xiinxala, garee qorannaatiif ni dabarsa;
- Dhimmoota yakka malaammaltummaa biroo Maanuwaaliin ykn dookumantii JBAH kanaan ifatti Aangoo Mana hojii Abbaa Alangaa Waliigalaatiif ykn Waajjira Abbaa Alangaa Aanaaf hin kennamne irratti odeeffannoo/eeruuwwan dhufan simachuun, ijoo addaan ni baasa, ni xiinxala, yakka malaammaltummaa ta’uu fi dhiisuu addaan ni baasa, garee qorannaatiif ni dabarsa; yakka malaammaltummaa kan hin taane irratti murtii ni kenna.
- Garee Qorannoo fi Himannaa Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa
- Gareen kun Abbaa Alangaa qofaan kan gurmaa’e ta’ee, hojiilee akka:-
- Eeruu/Odeeffannoo/ gocha yakka malaammaltummaa garee simannaan calalame irratti qorannaa yakkaa qorataa poolisii waliin gaggeessuu
- Hojiiwwan qorannaa qixa seeraa fi mirga namummaa shakkamtootaa eegeen raawwatamaa jiraachuu ni hordofa, iddoo qaawwi/rakkoon/ jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ariifachiisaa ni fudhata.
- Shakkamtoota sadarkaa Godinaa fi Aanaatti ragaan irratti qulqulla’e akkaataa seeraatiin to’annaa jala akka oolan ni taasisa.
- Galmee qorannoo yakka malaammaltummaa Godina ykn Aanaa irraa dhihaate irratti murtii kennuu;
- Galmee qorachuun murtiilee akka himata yakkaa hundeessuu, SDFY 42(1A)’n ragaan yoo hin jirre cufuu, SDFY 38(c)’n qorannoo dabalataaf qajeelchuu, SDFY 39’ qorannoo adda kutuu, SDFY 41qajeelfama kennuu, ykn gaafachuu,
- Himannaa fi ciraa mana murtiitti dhiyeessuun beellama qabsiisuu
- Xalayaa waamichaa baasisuun himataamaa fi ragaa seeraa guyyaa beellamaatti akka dhiyaatan taasisuu
- Himata yakka malaammaltummaa M/Murtiitti dhiyaate irratti Falmii gaggeessuun Murtii kennisiisuu
- Mana Murtiitiin yemmuu ajajamu dhaga’a dhimmaa duraa irratti ibsa barreeffamaa kennuu (Written statement on the Preparatory hearing)
- Falmii Idilee geggeessuuf ragaa fi ijoo dubbii adda baasuun qophaa’uun dhaddacha seenuu, ragaa dhageessisuu fi dhaggeeffachuu, ajaja M/Murtii kennu raawwachuu
- Gaaffii mirga wabii yakka malaammaltummaan walqabatee dhihaatu irratti falmii geggeessuu;
- Odeeffannoo argachuun gocha yakkicha adda baasuu
- Deebii /Yaada/ mirga wabii gaafatame irratti qopheessuu
- Dhaddacha seenuu falmii gaggeessuun, ajaja kenname dhaggeeffachuu
- Falmii Ol-Iyyannoo dhimma yakka malaammaltummaan walqabatee
- Murtii kenname irratti gareen mari’achuu
- Ol-iyyannoo yeroo seeraan taa’e keessatti gaafachuu
- Komii Ol-Iyyannoo Qopheessuun MMWO qaqqabsiisuu
- Keessummeessaa Iyyannoo dhiyaatu
- Iyyata Eegumsa Eeruu kennitootaa fi raga baatota irraa dhiyaate keessummeessuun tarkaanfii fudhachuu
- Iyyata Idilee (iyyata eeruu kennitootaa fi raga baatotaan ala dhiyaatu) simachuun abbaa dhimmaa keessummeessuu
- Garee Hordoffii fi Deebisiisa Qabeenya Bu’aa Yakka Malaammaltummaa
- Gareen kunis Abbaa Alangaa qofaan kan gurmaa’e ta’ee, hojiilee akka:-
- Qabeenya bu’aa yakka Malaammaltummaa ta’an adda baasuun uggursiisuu,
- Galmee yakkaa irratti qabeenyi akka dhaalamu taasisuu; raawwii isaa hordofuu;
- Galmee yakkaa irratti falmii qabeenyaa gaggeessuun dhimmicha lafa irra kan harkisu yoo ta’e, himannaan hariiroo hawaasaa akka irratti hunda’uuf Adeemsa hojii Dhimmoota Hariiroo hawaasaatiif dabarsuu.
- Qabeenya akka gurguramu ykn akkanumaan galii akka ta’u Manni Murtii murteesse qaama murata’eef/ dhimmi ilaallatuuf/ galii akka ta’u gochuu, hojiirra oolmaa isaa hordofuu.
- Qabeenya bu’aa yakka Malaammaltummaa ta’ee iddoo gara garaatti dhoksamee jiru hordofamee mootummaaf galii akka ta’u taasisuu, raawwii isaa hordofuu.