Waajjirri Abbaa Alangaa hundaa’uun dura maqaa waajjira haqaa jedhuun hundaa’ee tajaajila haqaa kennaa tureera. Haa ta’u, malee maqaa waajjirichi qabuu fi hojiin waajjira kana jalatti raawwatamuu qabu waan wal madaalaa hin turreef manni hojii kun irra deebiin labsii 214/2011tiin hojiilee qorannoo yakkaa bakka adda addaatti faffaca’anii jiran iddoo tokkotti sassabuun gara mana hojii kanaatti fiduun hojii qofa utuu hin taane maqaa waajjirichaallee jijjiiree jira. Waajjirichi kenniinsa tajaajila haqaa saffisaa, qulqulluu fi dhaqqabamaa taasisuuf bara 1998 irraa eegalee JBAH qorachuun hojjachaa tureera. Kanaanis bu’aaleen jajjabeessaa ta’an heddu argamanii jiru.
Adeemsi kun Aangoo fi gaheen hojii qorannoo fi himannaa yakkoota adda addaa kan malaamaltummaa ala jiran kan hammatudha. Hojiin qorannaa yakkaa fi murtii haqaa kennisiisuu manni hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa hundeeffamuun dura yakkoota Malaammaltummaa fi Taaksii osoo hin dabalatiin Biiroo Haqaa Oromiyaatti maqaa ’’Adeemsa Hojii Qorannaa Yakkaa fi Murtii Haqaa Kennisiisuu’’ jedhamuun hojjatamaa tureera
Adeemsaalee hojii xixiqqaa Adeemsa Hojii Qorannaa Yakkaa fi Murtii Haqaa Kennisiisuu jalatti argaman:-
- Adeemsaa hojii xiqqaa Eeruu dhimma yakkaa fuudhuu jalatti hojiiwwan jiran:
Qorannaan yakkaa eeruu irraa eegalee waajjira Poolisiitti kan gaggeefamu ta’ee,
- Abbaa dhimmaa eeruu fidu simachuu fi odeefannoo irraa fuudhuu;
- Dhimmichi yakka ta’uu adda baasuun unkaa fi galmee yakka halaa guyyaa irratti galmeessuu.
- Faayila baname qaama (garee) qoratuuf dabarsuu;
- Adeemsaa hojii xiqqaa Gocha yakkaa qorachuu jalatti hojiiwwan jiran:
Abbaa Alangaa fi qorataan poolisii gocha yakkaa waliin ni qoratu.
- Bakka yakkaa irraa ragaa teekinikaa funaanun ragaa argame akka qoratamu qaama ilaaluuf erguu,
- Ragaa namaa fi barreeffamaa walitti qabachuu
- Shakkamaa waamuun,ykn ajaja mana murtiin to’achuun jecha fuudhuu;
- Bu’aa ragaa teeknikaa fudhachudhaan galmeen wal-qabsiisuu;
- Ragaa argame quubsaa ta’uu isaa madaaluun mata duree qorannaa hojjechuun galmee qorannaa cuunfuun ijaaruu;
- Eeruu irraa eegalee galmeen qorannoo yakkaa xumura argate abbaa alangaa fi qorataa poolisii kan agarsiisu unka qopheessuun waliif mallatteessuu;
- Ibsa galmee qorannaa foormaatii dhaan qopheessuun qaama aangoo qabuuf dabarsuu;
- Adeemsaa hojii xiqqaa Galmeewwan yakkaa irratti murtee kennuu
- Galmee qorachuun himata qopheesuu;
- Himannaa qophaa’e akkasumas ciraan yoo jiraate mana murtiitti dhiyeessuun beellama qabsiisuu;
- Xalayaa waamichaa baasisuun himatamaa fi ragaa seeraa dhaqqabsiisuu;
- Guyyaa beellamaatti ragaa fi himatamaa dhiyeessuu;
- Adeemsaa hojii xiqqaa Galmeewwan yakkaa irratti murtee kennuu
- Galmee qorachuun himata saaquu;
- Himannaa qophaa’e akkasumas ciraan yoo jiraate mana murtiitti dhiyeessuun beellama qabsiisuu;
- Xalayaa waamichaa baasisuun himatamaa fi ragaa seeraa dhaqqabsiisuu;
- Guyyaa beellamaatti ragaa fi himatamaa dhiyeessuu;
- Adeemsaa hojii xiqqaa Falmii yakkaa gaggeessuun murtii haqaa kennisiisuu jalatti hojiiwwan hojjataman
- Ragaa fi himatamaan dhiyaachu mirkaneeffachuu
- Ijoo dubbii adda baafachuun qophaa’anii dhaddacha seenuu
- Himana dhiyaaterratti falmiin ykn mormiin duraa yoo ka’ee yadaa irratti kennuu,
- Haala raawwii seenaa yakkichaa (’crime theory’) ilaalchisee barreeffamaan YKN afaaniin dhaddachaa irratti ibsuu;
- Jecha himatamaa kennisiisuu;
- Himatamaan himata dhiyaate guutumaan guututti akkaataa ijoo himannaa dhiyaateen yoo amane murtiin balleessummaa akka irratti kennamu gaafachuu;
- Himatamaan himata irratti dhiyaate yoo haale jecha ragaa seeraa dhageesiffachuu;
- Akka barbaachisummaa isaatti gaaffii duraa gaafachuu;
- Akka barbaachisummaa isaatti gaaffii keessa deebii gaafachuu;
- Jecha ragaa ittisaa dhaggeeffachuu:
- Akka barbaachisummaa isaatti gaaffii qaxxaamuraa gaafachuu
- Ragaa barreeffamaa himatamaan dhiyeeffatu yoo jiraate yaada irratti kennuu
- Sababoota adabbii cimsan mana murtiitiif ibsuu;
- Himatamaan rikoordii yoo qabaate ibsuu;
- Yaada murtii fi adabbii kannamuu qabu dhiyeessuu;
- Murtii dhagahuu;
- Murtii kenname irratti yaada kaa’uu;
- Murtii kenname irratti gareen mari’achuu;
- Bakka abbaan alangaa hin jirretti poolisiin bakka bu’ee ni hojjeta;
- Adeemsaa hojii xiqqaa Falmii Mirga wabii irratti hojii hojjataman
- Odeeffannoo argachuun gocha yakkaa adda baasuu;
- Deebii /Yaada/ qopheessuu;
- Deebii /Yaada/ qophaa’e mana murtiitti dhiyeessuu/ erguu;
- Dhaddacha seenuun falmii gaggeessuu;
- Ajaja kennamu dhaggeeffachuu;
- Akkaataa seeratiin ajaja kenname irratti oliyyata mana murtii aangoo qabutti gaafachuu;
- Adeemsaa hojii xiqqaa Ol’iyyannoo fi ijibbaata gaafachuu jalatti hojiiwwan hojjataman:
- Waraabbii murtii gaafachuu;
- Murtii kenname irratti gareedhaan mari’achuu;
- Murtiin kenname kan komachiisu yoo ta’e komii ol’iyyannoo qopheessuun mana murtii aangoo qabuuf erguu;
- Ol’iyyannoo gaafatameef deebii /yaada kennuu;
- Deebii kennaa dhiyeessisuu;
- Guyyaa beellamaa qophii gochuun dhaddacha seenuun falmii gaggeessuu;
- Murtii dhaga’uu;
- Murtii kennamerratti yaada kaa’uu;
- Murtii kennamerratti gareen mari’achuudha;
- Adeemsaa hojii xiqqaa Keessummeessaa Iyyannoo jalatti hojiiwwan hojjataman
- Abbaa dhimmaa simachuu
- Komii qorachuun furmaata kennuu
- Deebii kennuun abbaa dhimmaa gaggeessuu
Dhangala’iinsa Adeemsoota Hojii Xixiqqaa Adeemsa Hojii Qorannaa Yakkaa fi Murtii Haqaa Kennisiisuu
Hojiin qorannaa yakkaa fi murtii haqaa kennisiisuu manni hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa hundeeffamuun dura akkaatuma BHO keessatti raawwaatamaa tureen dhangala’iinsi isaa akka armaan gadiitti ibsamee jira.
Maqaa adeemsa hojii xixiqqaa | Sadarkaa (step) | Kutaa | Yeroo (time) | ||||||
Biiroo | Godina | Aanaa | Biiroo | Godina | Aanaa | Biiroo | Godina | Aanaa | |
Eeruu Yakka Fuudhuu | 1 | 1 | 1 | 1 | 1 | 1 | Daq. 20 | Daq. 20 | Daq. 20 |
Qorannoo yakkaa Gocha Yakka Salphaa Gocha Yakkaa Jiddugaleessaa Gocha Yakkaa Walxaxaa | 4 4 4 | 4 4 4 | 4 4 4 | 2 2 2 | 2 2 2 | 2 2 2 | Guyyaa 1-8 Guyyaa 1-15 Guyyaa 1-Ji’a 3 | Guy 1-8 Guy 1-15 Guy 1-Ji’a 3 | Guy 1-8 Guy 1-15 Guy 1-Ji’a 3 |
Murtii galmee qorannoo yakkaa Galmee fuula 1-30 Galmee fuula 1-50 Galmee fuula 1-200 Galmee fuula 200 fi sanaa ol | 6 6 6 6 | 6 6 6 6 | 6 6 6 6 | 2 2 2 2 | 2 2 2 2 | 2 2 2 2 | Guy 1 Guy 2 Guy 3 Guy 6 | Guy 1 Guy 2 Guy 3 Guy 6 | Gu 1 Guy 2 Guy 3 Guy 6 |
Falmii mirga Wabii | 6 | 6 | 6 | 2 | 2 | 2 | Guy 1 | Guy 1 | Guy 1 |
Falmii himannaa | 2 | 2 | 2 | 2 | 2 | 2 | Guy 1-6 | Guy 1-6 | Guy 1-6 |
Falmii Oliyyannoo | 5 | 7 | 8 | 3 | 3 | 3 | Guy 1-5 | Guy 1-5 | |
Falmii Ijibbaataa | 5 | – | – | 3 | – | – | Guy 1-10 | ||
Keessummeessa Iyyannoo | 1 | 1 | 1 | 2 | 2 | 2 | Daq. 30 | Daq. 30 | Daq. 30 |
Maappii /Yaa’iinsa Adeemsota hojii xixiqqaa Adeemsa Hojii Qorannaa Yakkaa fi Murtii Haqaa Kennisiisuu
Yaa’iinsi adeemsa hojii Adeemsa Hojii Qorannaa Yakkaa fi Murtii Haqaa Kennisiisuu eeruu irraa kaasee hanga murtii haqaa kennisiisuutti jiru sadarkaa Naannoo, Godinaa fi Aanaatti kan wal fakkaatu waan ta’eef maappiin yaa’iinsa hojii xixiqqaa akka armaan gadiitti dhiyaatee jira.
