Maxxansaalee Haaraa/Latest News

image
Tajaajila keenya
Read More
photo_2022-06-05_00-05-03 (2)
Labsiiwwan haaraa
Read More
7
Barruulee Haaraa
Read More
photo_2022-06-05_00-05-03 (2)
Duudhaalee keenya
Waajjirrii Abbaa Alangaa Godina qellem wallaga dirqama seeraa labsiidhaan ittii kennammee bahaachuuf...
Read More
laws
waa'ee keenya
Waajjirrii Abbaa Alangaa Godina qellem wallaga dirqama seeraa labsiidhaan ittii kennammee bahaachuuf...
Read More
photo_2022-06-05_00-05-03 (2)
Maxxansaalee Haaraa
Waajjirrii Abbaa Alangaa Godina qellem wallaga dirqama seeraa labsiidhaan ittii kennammee bahaachuuf...
Read More

Waa'ee Keenya/About Us

Yeroo ammaa labsii marti haqamuun Labsii 242/2014tiin Biiroo Abbaa Alangaa jedhamee akka waamamu ta’ee jira. Akka qaama mana hojii abbaa alangaatti manni hojii keenyas seenaa kana ni qooddata. Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa mirgoota namoomaa fi dimokiraasii heera mootummaa fi seeroota birootiin eegumsa fi beekkamtii argatan kabajuu fi kabachiisuudhaaf bu’uura labsii lakk.214/2011 tiin biirichi aangoo fi gaheen hojii dabalataa kennameefii akka haaraatti hundaahuun isaa ni yaadatama.Haaluma kanaan immoo Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Qellem Wallaggaa Godinicha keessatti mirgoota namoomaa fi dimokiraasii heera mootummaa fi seeroota birootiin eegumsaa fi beekamtii argatan kabajuu fi kabachiisuudhaaf bara 1998 akka Godinaatti Godina lixa Wallaggaa irraa adda bahuun kan hundeeffame yommuu ta’u, akkaatuma labsii lakk.214/2011tiin aangoo fi gahee hojii manichatti dabalaman qabatee hojii keessa seenee hojjechaa kan jirudha.  Read More

photo_2022-06-05_00-05-03 (2)

Erga Itti Gaafatama W/A/A/G/Q/W

photo_2022-06-05_00-05-03 (2)

Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Qellam Wallaggaa ergama olaantummaa seeraa kabachiisuu Uummataa fi Mootummaan itti kenname bahachuuf tarsiimoolee haqaa hojiitti galchuun hojii irra kan jirudha. Dirqamootni mootummaan lammiileef galee jiru mirgoota namoomaa kabajuu, eeguu fi guutuu jedhaman galmaan ga’uuf waajjirri Abbaa Alangaa akka qaama mootummaa tokkootti gahee ofii isaa bahachaa jira. Kunis Akkaataa heeraa fi seeraatti mootummaan ofii isaa mirgoota lammiileen gonfachuu qaban gidduu seenuun akka ofii hin booressine kabajuu, qaamni biro immoo mirgoota lammiilee akka hin booressine kabachiisuu, fi akkasumas mirgoota isaaniitti akka fayyadamaniif tarkaanfilee adda addaa hojii irra oolchuun guutuu qaba. Dirqamoota mootummaa kana galmaan gahuuf kan dandeessisu qaamoleen mootummaa addaa addaa hojiilee addaa addaa kan hojjetan yoo ta’es waajjirri Abbaa Alangaa immoo akkaataa labsii 214/2011 tiin mirgoota namoomaa fi dimokiraasii heera mootummaa federaalaa fi naannoo keenyaatiin beekamtii argatan kana galmaan gahuuf aangoo fi gahee waajjirichaa adda baasuun kenneefii jira. . Haaluma kanaan aangoo fi gaheen hojii kenname kunneen  Sirni Heeraafi seeraa akka kabajamuu fi olaantummaan seeraa akka mirkanaa’u ni taasisa; Read More

Adeemsaalee Mana Hojii Keenya

Adeemsa dhimmoota yakka malaammaltummaa

Adeemsichi gareelee adda addaa sadii kan qabu ta’ee, akka kanaa gadiitti gahee hojii isaanii waliin ibsamaniiru Read More

Adeemsa dhimmoota yakka dinagdee

Adeemsi dhimmoota Yakka dinagdee kan inni adeemsa of danda’aa ta’e hundaa’e labsii waajjira abbaa alangaa walii galaa oromiyaa..Read More

Adeemsa dhimmoota yakka adda addaa

Adeemsi kun Aangoo fi gaheen hojii qorannoo fi himannaa yakkoota adda addaa kan malaamaltummaa ala jiran kan hammatudha. Read More

Adeemsa dhimma yakka dubartootaa, daa’immanii fi farra namaan daldaluu

Adeemsi dhimma yakka dubartootaa,daa’immanii fii faraa namaan daldaluu adeemsa of danda’aa ta’e kanin  hundaa’e.Read More

Adeemsa Hariiroo Hawaasaa

Adeemsa Hriiroo Hawaasaa kanaan dura waajjiraalee mootummaa keessatti bifa bittinaa’aa ta’een karaa dubi fixaa waajjiraalee hojjetamaa kan ture yeroo ta’u..Read More

Adeemsa Mirkaneessa, galmeessa sanadootaa fi kenna hayyamaa

Jiruu fi jireenya hawaasaa keessatti walta’iinsi dinagdeen walqabatu, mirgaa fi dirqamni ittiin walitti darbu guyyaa guyyaadhaan ni barbaachisa. Read More

Mul'ata Keenya

Bara 2022-tti, tajaajila Abbaa Alangummaa kennuun ol’aantummaa seeraa mirkaneessuun Waajjira Abbaa Alangaa akka biyyaatti fakkeenya ta’ee arguudha.

Ergama keenya

Godina Qellem Wallaggaa keessatti seeraa yakkaa fi imaammata sirna haqaa yakkaa kabachiisuu, mirga namoomaa fi bilisummaawwan bu’uuraa lammiiwwanii kabajuu fi kabachiisuu fi dantaa mootummaa fi uummataa eegsisuudhaan tajaajila Abbaa Alangummaa haala siyaawaa, qulqulluu fi dhaqqabamaa ta’een, akkasumas bilisummaa hojii fi al-loogummaa ofii eeggatee fi haqummaa qabuun raawwachuudhaan olaantummaa seeraa mirkaneessuun nagaa fi tasgabbiin hawaasaa akka fulla’u taasisuudha.

Duudhaalee Keenya

1.Olaantummaa seeraa 2.Faayidaa uummataa dursa kennuu fi 3.eeguuf eegsisuu 4.Bilisummaa fi itti gaafatamummaa Ogummaa 5.Iftoomina 6.Hojimaataa badaa fi malaammaltummaa jibbuu 7.Fakkeenyummaa 8.Hirmaachisummaa 9.Ejjennoo Gaarii 10.Jijjiiramaaf qophaa’uufi hojjechuu 11.Beekumsaa fi amantaan hoogganuu 12.Miira tajaajiltummaa qabaachuu fi 13.Deebii wayitaawaa kennuu

Legal Quotes

“My job as a prosecutor is to do justice. And justice is served when guilty man is convicted and an innocent is not ”

Sonia Sotomayor

“Don’t misinform your Doctor nor your Lawyer.”

Benjamin Franklin

Justice delayed is justice denied

william E. gladstone

Injustice anywhere is a threat to justice every where

Murtin Luther king